@etbisahusen · Post #1114 · 09.12.2020 г., 22:23
idoo Ooromoon Raayyaa qubate kanatti kan mogaafamanidha.Jeehoota Afaan Oromoti (kittaba seena oromo Jara 16ffa fula 292.maxxansa 1996. Maxxansa 1998 ful.286) Karaa garabiraatiin burqaansaanii aadaafi Afaan Oromoo ta’ee, naannoo saboota Amaaraafi Tigiraayitti baldhinaan kan dhaga’amu,sirbiifi weedduun akka geerarsaa gootaafi gootummaa Afaan Oromootiin yeroo faarsan akkas jedhu “…Haayi ! haayi !haayi ! Korma gaafa lolaa! Hayi! hayi ! korma gaafoo ! Korma gaafoo! korma gaafoo! Korma gaafa lolaa ! korma gaafa lolaa…”jedhu.Kun Afaan Oromoodha. Kaaba Itoophiyaa kan qubataan Oromon Raayyaa, kibba kan qubate Oroomoota Arsiifi karaa bahaa Marawwaan Raayyaa wajjinis ta’ee Ituu wajjin kan walitti hidhata qabu ta’uusaa ragooleen tokko tokko ni muldhisu.Marawwaan Raayyaaf hangafadha kan jedhan akka ibsanitti, eebbarratti Raayyaa dursee dhiyeessa.Akkasumas angoon Raayyaa keessatti kennamu kamillee eebbaan kan xummuuru Marawwaadha.Jechuudhaan ragaa dhiheessu.(Kitaaba seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa fuula 288 maxxansa 1998) Hidda latii Raayyaa Oromoo Boorana Samatoo Gurachaa Nagawoo Odaa Walaabu Rayyaa Maccaa ______________ Tuulama “Oromoon ka’umsa maraatti Afaan kushi bahaatirraa burqee, uummata Afaan Kushii dubatudha” (Seen Oromoo hanga jara 16ffa fula 20.maxxansa 1996) “Kitaabni qulqulun bara 1962 maxxanfame galmee jechootaa irratti, jecha Itiyoophiya jedhu, Kush jedha. Kanaaf Itiyoophiya jechun kush. Kush jechun Itiyoophiyaadha. Maqaan kun uummatis biyyis kan ittiin waamatudha ” ( kitaaba seenaa uumata Oromoo hanga jaraa 16ffafula 20.maxxansa1996) “ uumati kush Afan gara garaa dubbachuu kan jalqabe wagooota 3500 – wagoota 2000 jidutti. “ …Uumati Oromoo kan burqe kushi bahaa Afrikaarraa bara 8000 dura uumata jiraataa turedha. Kannaf Oromoon essaahuu kan hin dhufine, achuma jiraacha kan ture ta’u ibsa.”( Kitaaba S. u. O. h. jara 16ffa fulaa 23. maxxansa 1996) Uumati kush durii, yeroo ammaa sababa afaan garaa garaa dubbatanif adda adda qoodameera. Itiyophiyaa kessatti qoofa Kushi duriirraa afaanoon burqan digdamii sadii dubbatamu. Isaanis: 1. Oromoo 2. Sidaamaa 3. Burjjii 4. Affaar 5. Soomaalee 6. Kambaataa 7. Geede’oo 8. Saahoo 9. Koonsoo 10. Qimaant 11. Himtaang 12. Awung 13. Hadiyyaa 14. Baraareet 15. Busee 16. Erbooree 17. Daasanchi 18. Gawaadii 19. Garoobaz 20. Tsamayi 21. Waarazi 22. Baayisoo 23. Gidooloo “Afaanoonni maatii kush wan waliin qooddatan Aadaafi jeechoota kushi duriirraa dhaalan eerun bekkama.” Jedhu qorattonni seena( jara 16ffa .maxxansa 1996, ful.24,maxxansa 1998 ful.20) F.K. Oromoon Afaan soomaalee waliin jechoota % 35–40 waliin qabu jedhamee tilmaamama.Koonsoon Afan Oromoo wallin %50 qooddatu.Egaa kun soochiin uummata kush essaa gara eessatti akka ture nu mirkaneessa. Kabajamtoota dubbistoota keenyaa hardhaaf kanan dubbiserraa kan isinii qopheesse kanuma.Yeroo gara biraammoo mataduree gara biraan isin dubbisiisa.Waan dubbistaniif Galatooma.Dubbisuun beekumsa namaa dabala ! Masqaluu Baalchaa tiin! #ancient history of oromo
Hashtags